Cash-based Interventions Transition to Egypt Post Office - FAQs (Oromo) | Page 3

TRANSITION TO EPO Gaaffi waahee mana posta ilaalchisee baruu barbaachisan. 1 . Ganda ani jiradhu kessatti maallaqa essaa fudhachuun danda’ama.? Maallaqa kan kee mana poostaa naannoo keetitti kaluu jiruu kamirraayyuu fudhachuun ni danda’ama. 2 . Mana posta irratti sirni barbaachisu maali? Kaardi UNHCR bakka kaffaltii keennamutti eerga dhiheesitee booda maqaa, suraa fi lakoofsa galmee kan kee sirri ta’uu adda baafatani maallaqa si kaffaluu. Sirni kuun mana poosta hundatti tokkicha. 3 . Maallaqa kana eenyu kan sassaabu? Itti gaafatamaan maatii mallaqa kana fuud- huu kan danda,uu yammu tahuu. yookaan itti gaafatamaan maatii, maatii isaa keessaa nama bakka buusee akka mallaqa kana fuudhu gochuun ni danda’ama. 4 . Mana poosta dhaqee maqaan kan koo tarree keessa hinjiru. Eergaan gabaabaa SMS naqqabee jira. Duraan dursee lakoofsa telefoona kan kee namni biraa itti fayyadamaa akka hinjirree adda baafadhu. lakoofsa telefoona tokkoo qofa namootiin heedduu fayyadamu nimala. Lakkofsi telefoona kan kee yeroo jijjirattee waajjira UNHCR fi gabaasuu hindagatiin. 5 . Maallaqa gargaarsa naa eergamee mana poosta keessa yeroo hangam turuu nidanda’ama? Maallaqa naa eergamee yeroo sana deemee baasuu yoon dhisee UNHCR deebisee naa eergu nidanda’ama? Gargaarsi mallaqaa mana poostaa keessa turuu kan danda,uu torbee sadii qofa. kanaafu maallaqa keessan yeroon fudhachuu keessan mirkaneeffadhaa. Erga guyyaan fudhannaa dhumee booda gara UNHCR deebi,a kanaaf mallaqa kana argachuun hin danda’amuu. Sababa maallaqa kana yeroo isaatti fudhachuu dadhabuu keessani yo itti fufa tahee karaa biraatiin akka isinii ergamu danda, uu nu beeksisuun barbaachisaadha.